ONM-ABO Hagayya 10, 2024
Hoogganaan yeroo Baanglaadeesh Muhaammad Yunus Jimaata kaleessaa kaabinee haaraa biyyattii mirkaneessani.
Aktiivistoonni barattootaa lama hoggantoota olaanoo waldaalee siivikii kaabinee haaraa Baanglaadeesh keessatti hammatamaniiru.
Miseensonni kaabinee kanneen ministeera osoo hin taane maqaan gorsaa kennameef hoggantoota barattootaa, waraanaa fi bakka bu’oota waldaalee siivikii waliin mari’achuun filataman.
Hoggantoonni garee Students Against Discrimination jedhamu kan mormii torban dheeraaf geggeeffame kana hoogganan lama kaabinee haaraa kana keessatti hammatamaniiru.
Nahiid Islaam Ministeera Telekoomii biyyattii kan hoogganu yoo ta’u, Nasiif Mahmuud ammoo Ministeera Dargaggootaa fi Ispoortii akka hoogganu filatamaniiru.
Qabsaa’aan mirgaa beekamaan Adilur Rahman Kihan bara bulchiinsa Hasinaa hidhaa waggaa lamaa kan itti murtaa’e yoo ta’u, hoggansa Ministeera Industirii ta’uun filatame.
Miseensonni kaabinee haaraa kan biroon itti gaafatamaa baankii giddugaleessaa Baanglaadeesh duraanii, barreessaa dhimma alaa duraanii fi ogeessa seeraa naannoofaa turan.
Kaabineen kun miseensa hawaasa Hindu xiqqaa Baanglaadeesh keessaa Kan of keessatti qabate ta’uu Doochii Waleen gabaaseera.



