ONM-ABO Hagayya 12, 2024
Hojjettoonni baraarsaa namoota lubbuun hafan barbaaduu itti fufanii yeroo jiranitti, lakkoofsi namoota sigiga lafaa, lafa bal’aa bakka balfi itti gatamu mudatee gara 13tti ol guddachuu isaa poolisiin Dilbata kaleessaa ibseera.
Torban darban keessa roobni cimaan erga roobee booda Jimaata galgala balfi bakka kuufama magaalattii tokkicha irraa argame tokko ciccitee, jiraattonni yeroo rafan manneen qarqara iddoo sanaa jiran caccabsee awwaale.
Sanbata dheengaddaa Abbaan Taayitaa Magaalaa Guddittii Kaampaalaa lakkoofsi namoota du’anii saddeet akka ta’e kaa’ee ture.
Dubbi himaan poolisii Paatriik Oniyaangoon ”kan yeroo dhiyootti qabnu namoonni 13 du’aniiru, garuu tajaajilli baraarsaa itti fufee jira,” jedhan.
Hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 14 baraaramaniiru kan jedhan Dr Abiy, ammas kanneen biroon qabamuu akka danda’an himuun, garuu lakkoofsi isaanii hin beekamu jedhan.
Namoota sababa sigiga lafaatiin buqqa’aniif dunkaanni naannoo sanatti dhaabbachuu isaa Fannoo Diimaan Yugaandaa beeksiseera.
Bakki kuufama balfaa Kiteezi jedhamuun beekamu kun waggoota kurnaniif Kaampaalaa keessatti bakka balfi itti gatamu tokkicha qofa ta’ee tajaajilaa kan ture yoo ta’u, gara tulluu guddaatti jijjiiramee jira. Jiraattonni yeroo dheeraaf balfi balaafamaa naannoo faaluu fi jiraattotaaf balaa ta’uu isaa komachaa turaniiru.
Tattaaffiin abbaan taayitaa magaalattii bakka kuufama haaraa bitachuuf taasisaa ture waggootaaf harkifatee ture.
Afrikaa keessatti bakka biraattis gaarreen balfa bulchiinsa magaalaa haala gaarii hin taane bulfaman irraa balaan walfakkaataan mudateera.
Bara 2017 Itoophiyaatti yoo xiqqaate namoonni 115 ajjeefamaniiru. Moozaambiik magaalaa Maapuutoo keessatti balaa walfakkaatu bara 2018 mudateen yoo xiqqaate namoonni 17 du’aniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.













