• Sun. Jan 11th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee fi Baatee keessatti  hidhattoota sirnichaan dhiittaan mirga namoomaa jiraattota irratti raawwatu jabaatee itti fufe

Aug 13, 2024

ONM-ABO Hagayya 12, 2024 

Mataan nafxenyootaa Abiy Ahimed bara aangoo imphaayerattiitti dhufe qorannu malee hin hiinu jechuun namoota biratti amanamaa fi jaallatamaa of fakkeessuuf dubbachaa kan ture yoo ta’u, garuu faallaa isaa Oromummaa hadheeffatee mormuun, bara bulchiinsa murna bilxiginnaa keessa Oromoo ta’uu qofti yakka ta’ee dararaan adda addaa hidhaa jumlaan, saamichi, buqqaatii fi ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti waraana faashistii PP’n raawwachaa jiru yaaddoo guddaa uumaa jira.

Akkaatuma kanaan, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee keessatti Hagayya 6, 2024 waraanni garboomfataan PP maqaa sakattaa WBO jedhuun ganda Roorrisootti bobba’an  qe’ee hawaasaa keessa deemuun namoota nagaa hedduu uleedhaan qaama laalessuun qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa yoo  ari’an,  nama maqaan isaa Yaasinaa Aggaammiyoo jedhamu ganduma Roorrisoo keessaa Hagayya 6, 2024 reebicha ulfaataa irratti raawwachuun hidhuu  maddeen dubbatan. 

Oduu hidhaan wal qabatuun godinichuma aanaa Harxummaa Fursee ganda Masaleetaa keessaa Hagayya 8, 2024 hidhattootni sirnichaa raayyaa ittisa imphaayerattii fi milishoota jedhaman qe’ee hawaasaatti marsuun maqaa deggartoota WBO’ti jedhuun nama nagaa maqaan isaa Ahimed Aliyyee Lootii jedhamu qabuun hidhanii hiraarsaa akka jiran dabaluun ibsaniiru.

jiraataan aanichaa ONM dubbise tokko akka himutti akkuma godinichaatti dhiittaan mirgoota namoomaa hidhattoota murna maafi’aa PP’n uummata nagaa irratti raawwachaa jiru yaaddoo guddaa fi abdii kutannaa  hamaa  jiraattotatti uumeera jechuun dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading