• Tue. Jan 13th, 2026

Loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyootti dargaggoo tokko madeessuun, gudeeddaas raawwatan

Aug 13, 2024

ONM-ABO Hagayya 12, 2024 

Teessuma aangoo isaanii qofaaf yaaduun waraana naamusaa fi safuu hawaasaa hin kabajne murni PP walitti funaanee hawaasa keessa bobbaasuun gochoota dhala namaa mitii bineensa irrattiyyuu hin raawwatamne golee Oromiyaa mara keessatti waggoota ja’an darbanii kaasee raawwachaa jiran jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan, Hagayya 7, 2024 waraanni Bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Aannoo Mikaa’elii jedhamutti haadha warraa Obbo Pheexiroos Gamteessaa kan taate Aadde Alamnesh Hayiluu kan jedhamtu reebicha hamaa irraan ga’uun ilma isaanii dargaggoo Simoon Pheexiroos jedhamu ammoo sababa tokko malee rasaasaan rukutuudhaan erga madeessanii, mucaa durbaa isaanii kan umuriin ishee waggaa kudha sadii taate kan maqaan ishee Miimmii Pheexiroos jedhamtu irratti gochaa cigaasisaa safuu hawaasichaa cabsuu fi qaanessaa ta’e gudeeddaa irratti raawwachuu maddeen keenya himan.

Akka maddeen keenya himanitti, dargaggoon rasaasaan rukutame kun yeroo ammaa hospitaala magaalaa Dambii Doolloo keessatti yaala irratti kan argamu yoo ta’u, haalli  inni keessa jirus akkaan yaaddessaa ta’uu fi  du’aaf jireenya gidduutti akka argamus himan.

Gochi gara-jabinaa maatii tokko irratti loltoota Bilxiginnaa kanaan raawwatame maatii sanas ta’e namoota ollaa isaanii biratti rifaatuu fi mufii guddaa uumee akka jiru jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading