• Tue. Jan 13th, 2026

Raashiyaan haleellaa Israa’el mana barumsaa Al-Taba’een Gaazaa irratti raawwateen ‘rifatte’

Aug 13, 2024

ONM-ABO Hagayya 12, 2024 

Mooskoon boombii Israa’el mana barumsaa Al-Taba’een irratti dhoosteen akka malee akka rifatte dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Maariyaa Zakaaroovaa Sanbata dheengaddaa ibsaniiru.

Balaan akkanaa tattaaffii idil-addunyaa haala naannoo waldhabdee Falasxiin fi Israa’el keessa jiru hammeessuuf kaayyeffate kan miidhu ta’uu Zakaaroovaan ibsa kennaniin dubbataniiru.

“Seera namoomaa idil-addunyaa ciminaan kabajuun barbaachisaa ta’uu isaa irratti ejjennoo qajeelfamaa fi wal irraa hin cinne qabnu ni mirkaneessina,” jette.

Zakaarovaan haleellaan Israa’el kan namoota nagaa Gaazaa keessa jiraatan irratti miidhaa geessisu “sirna kan qabu” ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Dubbi himtuun kun gochi Israa’el murteewwan Mana Maree Nageenyaa  Mootummoota Gamtoomanii fi Yaa’ii Waliigalaa lola Gaazaa keessatti geggeeffamaa jiru akka dhaabbatuu fi naannoo sanatti gargaarsa namoomaa gufuu tokko malee akka hundeessu gaafatan kan faallessu ta’uu hubachiisaniiru.

Sanbata ganama waraanni Israa’el mana barumsaa Al-Taba’een naannoo Al-Daraj magaalaa Gaazaa bahaa keessatti argamu boombii darbachuun yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 100 ajjeefamaniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading