• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’ootti uummanni nagaan hidhaa fi reebicha waraana garboomfataa PP’n gidirfamaa jiraachuun dhagaa’ame 

Aug 15, 2024

ONM-ABO Hagayya 14, 2024

Gidiraa uummanni Oromoo waggoottan ja’aan darbanii kaasee hamma har’aatti lafaa fi qabeenyaa isaa irratti waraana faashistii PP’n argaa jiru yaaddoo ulfaataa itti uumuun dargaggoo fi maanguddoonni Oromoo yakka tokko malee akka horiitti gorraa’amanii qalamuu, saamicha, hidhaa fi achi buutee dhabamsiifamuun qoosaa guyya guyyaa ta’eera.

Bifuma kanaanis godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddoota hundaa keessatti uummanni nagaan hidhaa fi reebichaan gidirfamaa jira. Kana malees maqaa deggersa adda addaan maallaqa irraa guuramaa jiruun haala hammaataa keessa jiraachuu jiraattonni araddaa tokkumma jaalalaa fi Makkaniisaa aanaa Malkaa Bal’oo irraa haala keessa jiran ONM’tti himaniiru.

Dargaggoo Oromoo maqaan isaa Aammad Jibroo Abdii jedhamu Dilbata darbe Hagayya 11, 2024 araddaa Makkanisaa keessatti waraanni faashistii PP rasaasaan miilla irra rukutuun kan madeessan yoo ta’u, namni itti dhukaasuun madeesse ammoo maqaan isaa Shaambal kan jedhamu  kaabinee aanichaa ta’uun beekameera. 

Kana malees namoota maqaan isaanii: Kaamil Eliyaas, Shukrii  Mohaammad Daawud, Ahimed Kaaliif Amiin, Abdii Aliyyii  kan jedhaman waraanni faashistii PP dirqamaan rasaasa irratti dhukaasuun qabanii achi buutee dhabamsiisanii jiraachuun beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading