ONM-ABO Hagayya 15,2024 Loltoonni Koloneel Abiy Ahimed kutaalee Oromiyaa hunda irratti ilmaan Oromoo dararuuf bobbaafaman yeroo ammaa haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa hidhuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Lixa Harargee aanaa Xuullootti ergamtootni PP jiraattota hidhuu itti fufan.
Aanicha araddaa Walta’ii jedhamu irraa namoota maqaan isaanii Durrii Ahimedii fi Abdallaa Aammee jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.
Aanicha keessatti dararamni ilmaan Oromoo irratti bifa garaagaraan raawwatamu yeroo irraa gara yerootti dabalaa akka jiru jiraattonni himuun, maqaa adda addaa hawaasatti dhahuun saamichi daangaa hin qabne illee geggeeffamaa akka jiru dabaluun ibsaniiru.


