ONM-ABO Hagayya 15, 2024
Har’a irra boru wayyaa laata jechuun callisuun uummata Oromoo daran aarsaa hin taane uummaticha kaffalchiisaa akka jiru jiraattonni iddoowwan adda addaa irraa ONM dubbise yaada isaanii ibsachaa jiru.
Godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa ganda Madda Jaalalaa bakka addaa Shoolloo jedhamutti Hagayya 11, 2024 loltoonni faashistii PP, uummata nagaa jalaa sababa tokko malee manneen gubanii jiru.
Namootni manneen jalaa gubate maqaan isaanii:
- Dachaas,
- Nagoo,
- Lijaalem,
- Yaasinii fi kanneen biroo hedduu ta’uu jiraattonni gandichaa himan.
Akka Jiraattonni gandichaa jedhanittis namoonni kunneen namoota nagaa jiruu idilee isaanii irratti bobba’uun jiraatan jechuun, sirnichi sobee afaaniin Oromoof hojjenna jechaa lafa irraa kallattii maraan Oromoo balleessuu fi dinagdeen quucarsuuf karoorfatee hojjechaa jira jedhan.
Haalli uummanni aanichaa yeroo ammaa keessa jiru akkaan kan isaan sodaachisuu fi shororkeessaa jiru ta’uu jiraattonni himuu, waanti loltoonni sirnichaa itti jiran kun hin dhaabbatu taanaan egereen uummatichaa maal akka ta’u tilmaamuun nama hin dhibu jechuun miira aariin dubbataniiru.

