• Sun. Nov 22nd, 2026

Muummichi ministeeraa Taayilaand Sirettaan naamusa cabsuun aangoo irraa kaafaman

Aug 16, 2024

ONM-ABO Hagayya 15, 2024

Muummichi ministeeraa Taayilaand Sirettaa Taviziin Roobii kaleessaa Mana Murtii Heera Mootummaa biyyattiin naamusa cabsuu isaaniitiin aangoo irraa kaafaman.

Murtii 5-4’n kennameen, Kaabineen Sirettaa erga miseensota mana maree Taayilaandiin muummicha ministeeraa ta’uun muudamanii waggaa tokko hin guunne booda diigamee dhaabbatee jira.

Dhimmi kun garee senaataroota duraanii sirna mootummaa jala jiraniin kan dhiyaate yoo ta’u, Sirettaan Caamsaa kana waajjira muummicha ministeeraa keessatti ogeessa seeraa Pichit Chuwenban jedhamu ministeera taasisee muuduudhaan naamusa cabseera jechuun himachuu  Tajaajilli Tamsaasa Uummataa Taayilaand gabaaseera.

Pichit kanaan dura malaammaltummaadhaan yakkamaa ta’ee ture.

Murtiin kun Kaabineen Sirettaa aangoo irraa ari’ameera jechuudha.

Hanga muummichi ministeeraa haaraan muudamutti bulchiinsi imaanaa ni ijaarama.

Murtiin Sirettaa irratti darbe kun waggoota 16 keessatti muummicha ministeeraa Taayilaand Mana Murtii Heera Mootummaatiin aangoo irraa kaafame isa 4’ffaa taasiseera jechuun Aljezeeraan gabaaseera.

Leave a Reply