ONM-ABO Hagayya 16, 2024
Koromiwwan Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa Itti Fufinsa Bobbaa Irbuu Shinniggaa milkeessuuf bobba’een aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa magaalaa Hoo’ituu keessatti waaree booda sa’atii 11:32 kaasee hanga galgala sa’atii 1:11tti mooraa ishee keessatti diina du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii guyyaa kaleesaa Hagayya 15, 2024 gootichi abdii sabaa WBOn diina yeroo dheraaf hawaasa maqaa WBO wajjin hariiroo qabdu jedhuun hidhaa, ajjeessa, qe’ee fi qabeenyaa isaanii barbadeessaa turte bulchiinsa magaalaa Hoo’ituu mooraa ishee keessatti itti marsuun fudhateen loltoota PP 23 ajjeessuun 19 madeessee AKM 2 hidhaannoo guutuu wajjin irraa yoo hiiku qophiilee waraanaa hedduus booji’uun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Loltoonni hafte lolaa kana baraguun magaalicha gadi lakkisanii mana uummata keessa dhokachaa fi hedduun achi buuteen ishees dhabamuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
