• Fri. Mar 13th, 2026

WBOn Zoonii Harsadee godina Kibba Lixa Shaggar Bakkoota Adda Addaatti Diina Adabe

Aug 17, 2024

ONM-ABO Hagayya 16, 2024

Waaranni Bilisummaa Oromoo Zoonii Harsadee Itti Fufiinsa Bobbaa Irbuu Shinniggaan Kibba Lixa Shaggar bakkoota adda addaa keessatti tarkaanfii laaleessaa waarana garboomfataa PP uummata gooluuf deemtu irratti fudhachuun injifannoo galmeessee jira.

Kibxata darbe Hagayya 13, 2024 aanaa Sadeen Sooddoo magaalaa Arbuu Culullee seenuun humna milishaa fi waraana faashistii PP mana fi qabeenya Oromoo ibiddaan gubdee barbadeessitu irratti tarkaanfii fudhaachuun loltoota 3 yeroo iraa ajjeesu 3 madoo ciimaan adabee jira.

Kaleessa Hagayya 15 Kibbuma Lixa Shaggar aanaa Bachoo ganda Simbirroo Cirrachaa keessatti humna waarana faashistii magaalaa Tullu Boolloo irraa baatee mana uummataa gubuuf deemtu irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen loltoota 4 yeroo ajjeesu 7 madoon adabee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading