• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti, ergamtootni Bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan

Aug 19, 2024

ONM-ABO Hagayya 16, 2024

Ergamtootni Bilxiginnaa sababoota adda addaan dinagdeen isaanii kufuu gaafa baran afaan qawwee uummatatti garagalfachuun dirqamsiisanii humnaan hawaasa Oromoo hunda saamuu, reebuu, hidhuu, mana irratti gubuu fi hidhanii garmalee dararuu hojii idilee godhatanii jiru.

Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti lukkeeleen bilxiginnaa sababii tokko malee uummata irratti saamicha raawwataa jiraachuun baramee jira.

Araddoota aanichaa hunda keessatti ergamtootni bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun saamicha hamaa ta’e irratti raawwachaa kan oolan yoo ta’uu, gama biraan ammoo yeroo ammaa kana immoo dhukkubni busaa garmalee hawaasa aanichaa miidhaa jira.

Tiksitootni Bilxiginnaa  duraanuu akka itti uummata saaman mijeeffachuu waan gammadaniif, saaphana siree (agoobara) tola uummataaf raabsamuu qabu qarshii dhibba shan-shan sababii tokko malee irraa fudhuun kennaafii jiraachuu jiraattonni aanichaa ONM’f eeranii jiru.

Dabalataanis, magaalaa Cawwaaqaa 1’ffaa jedhamu irraa sababa tokko malee qarshii 1000-1000 namoota irraa guuraa jiraachuu fi yeroo yeroon maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun maallaqa saamaa jiraachuu  jiraattotni himuun, saamicha guyyaa guyyaan irratti raawwachaa oolan kanaan uummanni rakkoo hamaaf saaxilamee jiraachuu itti dabaluun jiraattota Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading