• Sun. Mar 15th, 2026

Loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa magaalaa Asoosaa keessaa ilmaan Oromoo adamsanii hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufan

Aug 19, 2024

ONM-ABO Hagayya 16, 2024

Ilmaan Oromoo barootaaf sabaaf sab-lammoota imphaayerattii keessa jiran keessa nagaan aadaa fi duudhaa namummaa isaanii kabajachuun kan waliin  jiraachaa turan yoo ta’u har’a garuu yeroo nuti Oromoodha ofiin jechuun teessoo imphaayerattii irra jiranitti mirgi ilmaan Oromoo sarbamuun bakka hedduutti Oromummaa isaaniin yakkamanii adamfamuun hidhaa fi ajjeechaaf saaxilamaa jira.

Loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa Oromiyaan alatti ilmaan Oromoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun addatti immoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffatanii adamsanii hidhuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, loltoonni imphaayerattii magaalaa Asoosaa keessaa ilmaan Oromoo adamsanii hidhaatti darbachaa jiru.

Hagayya 13, 2024 magaalaa Asoosaa irraa dargaggoota ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu ukkaamsuun hidhuu jiraattonni magaalichaa dubbisne himan.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, dargaggoota Oromoo adamsanii ukkaamsuun waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii dararaa garmalee ulfaataa irraan gahaa  jiru. Maqaa dargaggoota ukkaamfamuun hidhaatti darbatamanii ammaaf adda kan hin baanee fi loltoonni Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo hedduu guyyaa sana hidhanii jiru” jechuun dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading