ONM-ABO Hagayya 16, 2024
Raashiyaan loltoota ishee tokko tokko Yukireen irraa qajeelchite humnoota Kiiv weerara kanaan dura hin argamneen gadi fageenya Raashiyaa keessatti yeroo tarkaanfatan loluuf akka ta’e Waayit Haawus Kamisa ibseera.
Dubbi himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Joon Kirbii naannoo Raashiyaatti humnoonni Yukireen weerara guddisaa jiraachuu eeruun, “kutaaleen Raashiyaa tokko tokko hojii Yukireen fi naannoo ishee irraa gara naannoo Kurskitti akka qajeelfaman argineerra,” jedhan.
Itti dabaluudhaanis, “Meeqa ykn meeqatu dabalataan deemuu akka danda’u ykn akeekni isaanii maal akka ta’u dubbachuu hin danda’u, garuu kutaaleen Raashiyaa tokko tokko naannoo Kursik irratti deebi’anii hojiirra ooluu isaanii arguu jalqabneerra,” jedhan.
Pirezidaantiin Yukireen Volodymiyir Zelenskiyiin Kamisa kaleessaa humnoonni isaanii magaalaa Sudizaa naannoo Kursik keessatti argamtu to’achuu isaanii himaniiru, kunis erga Kiiv torban darbe weerara ishee eegaltee as tarkaanfii yeroo dhiyooti.
Zelenskyy akka jedhanitti, waajjirri ajajaa waraanaa Yukireen magaalattii keessatti hundeeffamaa kan jiru yoo ta’u, qubsumni biroo hedduunis waraana Yukireeniin qabamaniiru. Itti dabaluunis Yukireen erga weerarri kun jalqabee qubsuma naannichaa 80 ol qabattee jirti jedhan.
Angawoonni Raashiyaa hanga ammaatti himannaa kana irratti yaada kan hin kennine yoo ta’u, sababa waraana itti fufee jiruun himannaa Kiiv kana walabaan mirkaneessuun rakkisaadha.
Daangaa Yukireen irraa gara kiiloo meetira 10 fagaattee kan argamtu Sudizaan buufata dabarsoo Awurooppaa tokkicha dhiyeessii gaazii uumamaa Raashiyaa kan qabdudha. Miseensi mana maree Yukireen tokko torban darbe bakki kun qabamuu himee ture.
Sararri geejjibaa Yukireen keessa darbu kun biyyoota Awurooppaa Dhihaa fi giddugaleessaaf gaazii Raashiyaa dhiyeessuuf karaa tokkicha ta’ee kan hafe yoo ta’u, dhaabbati anniisaa Gaazpiroom kana booda karaa ujummoo Yamaal-Awurooppaa fi Noord Istiriimiin gaazii hin dhiyeessu.
Gaaziin uumamaa tilmaamaan meetir kiyuubii biiliyoona 15 bara darbe bakka Sudizaa irraa gara Awurooppaatti dhiyaateera.
Torban darbe Kursk keessatti dhukaasni cimaan itti aansee loltoonni miillaa Yukireen taankii fi konkolaattota hidhannootiin deggaraman naannoo daangaa keessattuu naannoo Sudizaatti seenaniiru jechuun Dhaabbanni Oduu Turkii Anaadooluun gabaaseera.



