ONM-ABO Hagayya 19, 2024
Wal dhibdee mooraa murna faashistii PP keessatti yeroo dheeraaf uumamee turee fi yeroo ammaas itti jiruun caasaaleen murna bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti ijaaramanii jiran kan diigaman yoo ta’u, keessattuu Adoolessa 5, 2024 ajjeefamuu bulchaa godina Walloo Obbo Ahimed Aliin wal qabatee kan duraa caalaatti jeequmsa mooraa murna PP keessatti babal’ateen shakkii guddaa keessa galuun hojii irraa wal ari’aa, wal hidhaa fi wal ukkaamsuun achi buutee wal dhabamsiisaa akka jiran odeessi keessoo PP magaalaa Kamisee irraa ONM dhaqqabe ni ifoomsa.
Akkuma kanaan godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti Hagayya 16, 2024 wal dhibdee baatii jahaa oliif mooraa murna garboomfataa PP keessatti uumamee turee fi ajjeefamuu Obbo Ahimed Alii Adoolessa 5, 2024 waliin kan wal qabate lukkeeleen bilxiginnaa waltajjii yeroo hedduu taa’aa kan turan yoo ta’u, rakkoolee isaanii furachuu dadhabuu fi wal shakkii guddaa uumameen wal ukkaamsuun hidhaatti wal guuraa jiraachuu maddeen dabaluun dubbatan.
Lukkeeleen bilxiginnaa Hagayya 16, 2024 hidhaman kunneenis itti gaafatamaa paartii badhaadhinaa Obbo Abdallaa fi itti aanaa bulchaa godinaa duraanii kan ta’e Aliyyii Mahaammad Bashiir hidhamuun yeroo ammaa yaaliin ajjeechaa fi reebichi ulfaataan irratti raawwatamaa jira jechuun hojjetaan Bilxiginnaa maqaan isaa akka dha’amu hin feene tokko dabaluun ibseera.
Namni keessoo PP irraa ONM’tti hime kun akka jedhutti caasaan bilxiginnaa kun wal hidhuu qofaa osoo hin taane kanneen mooricha keessatti hafan illee wal qoqqooduu, wal irratti duuluu, abdii kutannaa fi shakkii hamaa keessa galanii gara harcaatiitti deemaa akka jiranis itti dabaluun addeesseera.

