ONM-ABO Hagayya 19, 2024
Sirni Oromummaa hadheeffatee mormu loltootaa fi murnoota isaa hunda baadiyyaa Oromiyaatti garmalee bobbaasuun duula duguuggaa baneen saamicha, ajjeechaa, reebichaa fi manneen hawaasaa gubuun ilmaan qotee bultoota Oromoo manaa gadi baasuun badii tokko malee dararaa hamaa irraan gahaa jira.
Haaluma kanaan, godina Arsii aanaa Shanan Kooluu keessatti milishonni PP reebichaan nama tokko ajjeesuun beekamee jira.
Aanaa Shanan Kooluu araddaa Koomtoo jedhamutti milishonni PP maqaan isaanii:
- Kadir Aliyyii,
- Anuwaar Abdusalaamii fi
- Jibriil Mahaammad Mikaa’il kanneen jedhaman nama maqaan isaa Mahaammad Abdullaa jedhamu Hagayya 15, 2024 sababa tokko malee uleedhaan tumanii ajjeesuu maddeen keenya eeranii jiru.
Namni ajjeefame kunis balleessaa qabateef osoo hin ta’in milishoonni sirnichaa haaloo kanaan dura wal irraa qabaniin qawwee fi aangoo qabanitti fayyadamanii akka ajjeesan dabaluun ibsaniiru.


