• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Asakoo keessatti loltoonni bilxiginnaa nama nagaa tokko ajjeessan 

Aug 22, 2024

ONM-ABO Hagayya 19, 2024 

Ergamtoonni impaayera bututtuu Itiyoophiyaa suphuuf dhamaatu waraana isaanii kan gatiin waraanummaan qabu hin beekne hawaasa nagaatti bobbaasuun hiraarsaa jiru.

Haaluma kanaan Hagayya 17, 2024 aanaa Asakoo ganda Dhalataa Caffaa iddoo addaa Turaa jedhamu keessaa Abbaas Abdoo fi Kadir Jaarraa namoota jedhaman qabanii mana hidhaa seensisanii reebaa erga turanii booda nama tokko biraa baasanii ajjeesuu jiraattonni himan.

Ergamtootni PP waan qabanii fi gadi dhiisan walii wallaalanii dhama’aa jiran Hagayya 18, 2024 hawaasa walitti yaamuun nama Abbaas Abdoo jedhamu uummanni  irraa haa jiilu ykn haa sodaatu jechuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuun erga inni du’ees reeffa isaa irra dhaabbatanii haala ciiggaasisaan lafatti gad dhiitaa turanis jedhu jiraattotni.

Akkasumas namni isa waliin qabame Kadir Jaarraa kan jedhamu reebicha hamaa irratti raawwatameen dubbachuu fi nyaata nayaachuu waan hin dandeenyeef yeroo gabaasni kun qindaa’etti du’aa fi jireenya gidduutti akka argamus dabaluun ibsaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading