ONM-ABO Hagayya 19, 2024
Loltoonni sirnichaa yeroo adda addaatti badii tokko malee ilmaan Oromoo adamsanii hidhuu, saamuu, dararuu, mana irratti gubuu fi ajjeesuu hojii idilee isaanii godhatanii kan jiran yommuu ta’u, maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii hidhaatti guuraa jiraachuus itti fufanii jiru.
Godina Baalee Bahaa aanaa Laga Hidhaatti waraanni PP namoota nagaa irratti saamicha raawwataa jiraachuun ibsameera.
Yeroo adda addaatti ergamtoonnii fi tiksitoonni impaayerittii irra deddeebiin maqaa gosa kaffaltii garaa garaa itti dhahuun uummata aanichaa irraa qarshii saamaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kanas haala duraan barameen olitti araddaa Kal’oo Dheertuu jedhamu irraa kaffaltii waan kaffalamuuf adda hin baaneen qarshii kuma lama lama dirqamaan hawaasa irraa guuraa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Kana malees, gandicha keessaa nama tokko irraa kaffaltii gosti isaa adda hin baaneen mana tokkotti re’ee tokko humnaan guuraa jiraachuu fi kanneen re’ee hin qabne immoo qarshii kaffalchiisaa akka jiran jiraattonni kun itti dabaluun eeranii jiru.


