• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti saamichi waraana garboomfataa PP’n jabaatee jiraachuun himame

Aug 22, 2024

ONM-ABO Hagayya 19, 2024

Bilxiginnaan guyyaa gara aangootti dhufee kaasee weerara Oromoo irratti bananiin haadha ulfaa daa’ima ishee waliin ajjeesuu kan eegale har’as hawaasa irraa hafuu dhiisuun qabeenyi fi lubbuun Oromootaa hedduun duguugamee sadarkaa badiinsaa irra akka ga’u gochaa jiraachuun barameera.

Waadaa habashootaa fudhatee aangoo irra kan jiru koloneel Abiy Ahimed gara jabinaa fi hammina isaa Oromoo irratti raawwachuuf waraanni godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa gandoota hundumaatti bobbaa’anii jiran qonnaan bultoota irraa loon, midhaan fi bilbiloota harkaa saamaa akka jiran jiraattonni ifoomsaniiru.

Waraanni goolessaan PP kunneen gandoota baadiyyaatti erga sochii godhanii uummata baadiyyaa saamuun gara magaalaatti deebi’aniis bilbiloota uummata baadiyyaa irraa saaman jiraattota magaalattiitti dirqamaan gurguruun walakkeessa halkanii ammoo of booda deebi’anii namoota itti gurguran irraa deebi’anii fuudhaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading