ONM-ABO Hagayya 19, 2024
Murni garboomfataa PP akkuma duraan sababa Oromummaa qofaaf yakkuun uummata Oromoo hidhee dararuu amaleeffatee jirutti, godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaatti jiraattota adamsanii ukkaamsuun mana hidhaatti guuraa jiraachuun ifoomeera.
Badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun guyyaa kaleessaa Hagayya 18, 2024 ganda Kuraa Bulaa jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:
- Kumsaa Fayyeeraa,
- Gashoo Baqqalaa,
- Alamaayyoo Galaanaa fi
- Taaddalaa Baqqalaa jedhaman qabanii mana hidhatti darbatanii dararaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Kana malees, aanaadhuma kana ganda Dallee Daak jedhamutti nama maqaan isaa Obbo Dassaalee Gammachuu jedhamu badii tokko malee qabuun hidhaatti darbachuu isaanii jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Aanicha keessaa manneen hidhaa bakka saditti naqamuun yakkoonni gara jabinaa adda addaa uummata irratti karaa loltootaa fi ergamtoota sirnichaan raawwachaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.



