• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana-Sibuu keessatti dargaggoota dirqiin gara mooraa leenjiitti guuraa jiraachuun dhagaa’ame

Aug 22, 2024

ONM-ABO Hagayya 18, 2024

Koloneel Abiy Ahimed fi ergamtoonni isaanii rakkoo  impaayerattii mudateef furmaanni akka waan  waraanaan dhufuutti waggoota ja’an darban kana xinnaa hanga guddaatti abbaa maatii, dargaggeessa osoo hin jenne dirqamaan guuruun gara moonaa leenjiitti naqanii erga ji’ootaaf leenjisaniin booda dirree waraanaatti bobbaasuun wareegama galata hin qabneef lubbuu isaanii obbaasaa kan turan, ammas bifa qindaa’aa ta’een dargaggoota Oromoo funaanuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Hagayya 16,2024 waraanni gaachana sirnaa jedhamuun maqaan mogga’eefii jiru, magaalaa Mandii keessaa dargaggoota humnaan leenjii waraanaa deemtu jechuun dirqamsiisanii qabaa akka turan jiraattonni magaalichaa ONM’f himan.

Akka Jiraattonni magaalichaa jedhanitti namoota qabaman kanneen keessa dhukkubsattootaa fi kan sammuun illee sirrii hin taane keessatti akka argaman kaasuun, maatiin namoota  qabamanii kunneenis osoo duukkaa boo’anii fuudhanii mooraa isaaniitti akka naqan dubbatu.

Namoonni umriin deeman illee keessatti akka argamanii fi  egereen ilmaan isaanii kun yaaddessaa akka ta’e itti dabaluun himaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading