ONM-ABO Hagayya 19, 2024
Loltoonni sirnichaa impaayera dinagdeen ishee kufaa jiru tiksuuf jecha guutuu Oromiyaatti bobba’an duula saamichaa qindaa’aa uummata Oromoo irratti geggeesuun akka of jireessaniif koloneel Abiy Ahimed irraa ajaja fudhatanii uummata Oromoo hanga humni isaanii danda’e saamaa jiru.
Haaluma kanaan, Kaaba Shaggar aanaa Dagam keessatti waraanni maafiyaa PP afaan qawwee itti qabuun jiraattota saamuu itti fufanii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Aanaa Dagam ganda Leellisaa Abbaa Magaal jedhamutti Hagayya 15, 2024 waraanni sirnichaa duula saamichaa raawwachuuf bobbaafaman hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasa kamiyyuu hin qabne deggertoota Waraana Bilisummaa Oromootii fi WBO’tu qabeenya as kaa’ate jechuun waan isaan mana keessaa qaban tokko osoo hin hambisin saamanii jiraachuun himamee jira.
Jiraattotni qabeenyi isaanii saamame maqaan isaanii:
1. Bollee Nagaash jalaa mi’a manaa hunda xaafii ardaba kudhan (10) fi mishingaa ardaba saddeet (8) waliin,
2. Tolasaa Naggasaa jalaa mi’a manaa hunda mishingaa ardaba kudhan (10) fi xaafii ardaba sadii (3) waliin,
3. Nagaash Tafarraa jalaa mi’a manaa hunda mishingaa ardaba torba (7) fi xaafii ardaba shan(5) waliin,
4. Tasfaayee Abbuyyee jalaa mi’a manaa hunda mishingaa ardaba saddeet (8) fi xaafii ardaba sagal (9) waliin
5. Guutaa Badhaasaa jalaa mi’a manaa hunda xafii ardaba sadii (3) waliin saamanii fe’atanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Ajjeechaa namoota nagaa dabalatee akka aanichaatti saamichi qabeenyaa raawwatamu guyyaa irraa gara guyyaatti jabaatee jiraachuu fi ONM rakkoo hawaasichi keessa jiru jala bu’ee gabaasaa turuun kan yaadatamuudha.


