• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baalee Bahaa aanaa Laga Hidhaatti waraanni PP jiraattota hidhaatti guuruu itti fufe

Aug 23, 2024

ONM-ABO Hagayya 20, 2024

Waraanni PP seera waraana tokko irraa eegamu bahuu kan hin dandeenye ta’uu fi naamusa dhabuun  maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu” jedhuun goleewwan Oromiyaa cufa irraa ilmaan Oromoo jumlaan ukkaamsuun mana hidhaatti darbachuu  itti fufee jira.

Haaluma kanaan, godina Baalee Bahaa aanaa Laga Hidhaatti waraanni PP jiraattota ukkaamsuun hidhaatti guuruu cimsee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Ganda Kal’oo Dheertuu jedhamu irraa torban darbe keessa namoota maqaan isaanii:

  1. Fatta’aa Aliyyii,
  2. Muraad Jamaal,
  3. Asiladdiin Adamii fi kanneen biroo hedduun sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii garmalee dararamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa itti dhiyeenyaan beekan ONM’tti himanii jiru.

Akka jiraattonni namoota hidhaman kana ilaalchisuun yaada isaanii ONM’f himanitti, kanaan dura aanaa kana keessatti saamicha daangaa hin qabnetu geggeeffamaa jira malee maqaa WBO waliin hariiroo qabduutiin gochi akka kanaa nu irratti raawwatamee hin beekus jedhan.

Amma garuu waanuma uummatni keessaa hin qabne itti maxxansuun hidhaatti dararu jedhu.

Itti dabaluunis namoonni maqaa WBO waliin walitti dhufeenya qabdu jedhamanii hidhaman kunneenis harka keessaa akka hin qabnee fi sodaa WBO’n naannichatti sochii taasiseef qofa akka hidhan dabaluun dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading