ONM-ABO Hagayya 21, 2024
Sirni ilmaan Oromoo lafa irraa duguugee balleessuu kaayyeffatee jiru bilxiginnaan, Oromiyaa bakkoota hundatti WBO qawwee hidhatee jiru dadhabuun ol deebi’anii hawaasa nagaa irratti ajjechaa jumlaa, saamichaa fi hidhaan dararuu irratti bobba’uun uummaticha hiraarfama hammaataa keessa galchanii jiru.
Waraanni ajaja fudhatanii bobba’an kunneenis Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Eegoo Girmoos jedhamutti guyyaa kaleessaa Hagayya 20, 2024 gandichatti bobba’uun ajjeechaa jumlaa kan raawwatan yoo ta’u, namoota maqaan isaani Ramadaan Ganamoo, Solomoon Qana’aa, Qaasim Ismaa’il, Waqshumaa Taammiruu fi Yaaqub Sabirii kanneen jedhaman barii ganamaan mana isaaniitti marsuun ganduma kana keessatti walitti qabanii bakka tokkotti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiru.
Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti namoonni kunneen balleessaa kan hin qabne yoo ta’an sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun akka ajjeesan dubbatu.
Namoota shanan kana keessaa namoonni afur abbaa maatii kan ta’anii fi namni tokko dargaggeessa gaa’ila hin godhanne ta’uus himan.
Namoota kanneen irratti loltootni kunneen mana isaaniitti marsuun ajjeesuu malee balleessaan isaanii maal akka ta’e qorannoon seeraa tokkollee irratti akka hin geggeeffamnes dabaluun ibsan.
Ajjeefamuun namoota kanaas jiraattota ollaa isaaniitti rifaatuu fi gadda guddaa ta’e jechuun, sababa kanaaf namoonni hedduun qe’ee isaanii irraa akka godaananiif kan dirqisiisuudhas jedhan.

