• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana-Sibuu keessatti waraanni abbaa irraa rasaasa itti roobsuun nama tokko ajjeesan

Aug 23, 2024

ONM-ABO Hagayya 20, 2024

Oromiyaa dirree dhiigaa taasifachuun murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo lafa hundatti gaaffii seeraa tokko malee lubbuu isaanii bineensaa gaditti lakkaa’uun duguugaa jira.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa Hagayya 19, 2024 waraanni abbaa irree gara godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana-Sibuu ganda Waannashaa Daabbusitti bobba’uun nama nagaa maqaan isaa Mitikkuu Dirribaa Dinagdee jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesaniiru. Namni kun balleessa tokko kan hin qabne yoo ta’u, bakka inni horii tikfachuuf gadi ba’ee jirutti kan ajjeesan ta’uu jiraattonni himan.

Namni ajjeefame kun abbaa ijoollee lamaa yoo ta’u, nama nagaa hawaasa isaa keessatti kabajamaa fi jaal’atamaa ta’uu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading