• Wed. Jan 14th, 2026

Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattootni murna bilxiginnaa sochii konkolaataa ugguruun, namoota gaalaan gabaa oolanii  galan saamanii hidhaa jiraachuun barame

Aug 23, 2024

ONM-ABO Hagayya 20, 2024

Murni bilxiginnaa uummata Oromoo ajjeechaa fi hidhaan jilbeenfachiisee of duuba deebisuu dadhabuun, karoora saamichaa fi mancaatii qabeenyaa hawaasaa irratti raawwachuu baafatee kan itti jiru yoo ta’u, labsii saamichaa kanaanis gabaan jiraattota bittaa fi gurgurtaa deemaniif bu’uura guddaa akka qabu hubachuun, sochii konkolaataa ugguranii namoota miillaa fi gaalaan gabaa ba’anii galan hidhattootni murna faashistii PP karaa hidhanii eeguun saamaa fi hidhaa akka jiran maddeen keenya ibsan.

Akkaatuma kanaanis godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee bakka addaa Odaa jedhamutti Hagayya 11, 2024 irraa kaasuun kan duraa caalaatti milishoonni fi waraanni maafi’aa PP kun waliin ta’uun jiraattota geejjibni konkolaataa ugguramnaan miillaa fi gaalaan gabaa irraa gara ganda isaaniitti wantoota adda addaa fe’anii deeman afaan qawwee itti qabuun qabeenyaa isaanii irraa saamanii isaaniin ammoo hidhaatti guuranii jiraachuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Namoonni hidhattoota murna bilxiginnaan saamichi fi hidhaan irratti raawwate kunneen muraasni maqaan isaanii nu ga’e Aliyyii Wixisii jalaa zeyita litira  20, sukkaaraa fi ruuzii gaala irraa jalaa buufatanii fudhachuun isas yoo hidhan, Huseen Aliyyii Siraajuu jalaa ammoo sukkaara ardaba 4  fi ruuzii gaala isaa irraa buusanii fudhachuun isas hidhaniiru.

Kana malees namoota maqaan nu hin  geenye danuu kanneen qotiyyoo fi re’ee gurguratanii gabaa irraa galan maallaqaa fi wantoota isaan bitatan  hunda jalaa fudhachuun harka qullaatti hambisuu jiraattonni kunneen dabaluun ibsaniiru.

Akka jiraattotni kun jedhanitti hidhattootni sirnichaa aanaa Harxummaa Fursee ganda Odaa kana keessa buufatanii jiran,  akkaataa saamichaaf isaaniif mijatutti sochii konkolaataa kamuu dhorkanii namoota miillaan deeman cufa saamuu dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading