• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon dargaggoota Oromoo lama haala suukkanneessaan qalanii yoo ajjeesan, konkolaachiftoota irratti saamichaa fi reebicha hamaa raawwatan

Aug 23, 2024

ONM-ABO Hagayya 20, 2024

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan meeshaalee garaagaraa hanga funyaaniitti hidhachiifaman duula babal’ifannaa lafaa fi eenyummaa Oromoota Walloo dhabamsiisuuf duguuggaa sanyii uummaticha irratti banaa kan turanii fi ammas itti jiraniin, ajjeechaa suukkanneessaa namoota saanjaan qalanii ajjeesuu, daandii irratti ba’uun namoota argan cufa ukkaamsuun maallaqa humnaa olii namoonni harkaan tuqanii hin beekne gaafachuu, qe’ee uummata nagaa gubuun barbadeessuu hojii isaanii isa ijoo godhachuun uummatatti jireenya ulfeessaa jiru.

Akkuma kanaanis godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee bakka addaa Kaarra Qorii jedhamutti Hagayya 16, 2024 hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon daandii gubbaa hidhuun, namoota karaa deemaa jiran dargaggoota  maqaan isaanii nu hin ga’in lama haala suukkaneessaan saanjaadhaan qalanii ajjeesuun fuulli akka hin beekkamne saanjaan wawwaraanuun gogaa fuulaa irraa kaasanii daandii irratti gatan. Erga ajjeechaa sukkanneessaa irratti raawwataniis namoota asii isaan kaasu ilaalla jechuun dhaadachaa turuun barameera.

Akka jiraattotani jedhanitti dargaggoonni kun yeroo duraa sadii ta’anii deemaa osoo jiranii hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa kun yeroo isaan reeban dhalataa ganda Qorii kan ta’e fiigee harkaa ba’uu himuun, dargaggootni lamaan maqaan nu hin geenye kun ammoo achumatti qabamuun haala gaddisiisaan saanjaan qalamanii gogaan qaamaa osoo hin hafne akka looniitti irraa baasanii ajjeesuu isaanii   jiraattotni kun dabaluun  ONM’tti himaniiru.

Oduu reebichaa fi saamichaan wal qabatuun ammoo hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kun kan duraa caalaatti erga murni bilxiginnaa uummata Oromoo fi Amaaraa gidduutti nagaa buufna jechuun sobaan akka uummanni keenya of dagatu godhanii kaasee keessattuu baatii Hagayyaa kana keessa humnoonni badii Finxaaleeyyii Faannoo kun konkolaachiftoota Finfinnee irraa gara godina Wallootti deeman daandii gubbaatti eeguun waan isaan fe’anii jiran erga irraa guurrataniin booda konkolaachisaa qabuun qarshii 10,000-20,000 adabbii keeti jechuun irraa saamanii reebaas akka jiran dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading