ONM-ABO Hagayya 20, 2024
Masriin weerara dhukkuba koleeraa Sudaan keessatti mudatee fi biyyoota Afrikaa tokko tokko keessatti dhukkuba Empooks babal’ateef deebii kennuudhaan buufata doonii lafaa fi qilleensaa kibbaatti seera cimsitee jirti jedhan dubbi himaan Ministeera Fayyaa Hosaam Abdel Gaaffar.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) torban darbe Sudaan keessatti bara kana namootni kumaatamaan lakkaa’aman dhukkuba koleeraan qabamuu fi yoo xiqqaate namoonni 78 du’uu isaanii kan gabaase yoo ta’u, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti gosti Empoox kan lubbuu namaa galaafatu fi daddarbuu danda’u uumamuu isaatiin addatti labsii fayyaa hawaasaa addunyaa hatattamaa Koongoo fi biyyoota ollaa keessatti labsee ture.
Mr Abdel Gaaffar akka jedhanitti, Ministeerri Fayyaa Masrii bara darbe erga waraanni sivilii ollaa ishee kibbaa keessatti ka’ee as tarkaanfiiwwan ittisaa hedduu qaxxaamura lafaa Sudaan irraa dhufan irratti fudhatamuu himuun, bara 2006 irraa eegalee Masriin nama dhukkuba koleeraan qabame akka hin galmeessine hubachiisaniiru.
Qorannoon koleeraa addunyaa WHO’n Kamisa darbe maxxanfame akka gabaasetti Sudaan keessatti Amajjii 1 hanga Adoolessa 28 gidduutti namoonni 78 dhukkuba koleeraan walqabatee du’uu fi 2,400 ol dhibee kanaan qabamaniiru jedha.
Ministirri Fayyaa Sudaan Heeytam Mohaammad Ibraahim Sanbata darbe akka jedhanitti, yoo xiqqaate namoonni 22 dhukkuba koleeraan kan du’an yoo ta’u, “yeroo birraa” guutuu biyyattiitti namoonni 354 vaayirasichaan qabamaniiru.
Obbo Ibraahim torbeewwan muraasa darban naannichatti rooba garmalee roobeen weerarri vaayirasichaa daran hammaateera jedhan. Ibsi isaanii kun kan kenname erga qondaalli WHO Maargaareet Haaris Sudaan keessatti namoota koleeraan qabaman 11,327 fi kan du’an 316 gabaafameeti jechuun lakkoofsi namoota dhukkuba koleeraa. Qabamaniif du’anii kana caaluu danda’a jechuun dhiyeessan guyyaa tokko booda.
Weerarri koleeraa Sudaan kan mudate yeroo bara darbe Ebla irraa eegalee lola humna waraanaa Sudaan (SAF) fi garee humna deggersa ariifataa (RSF) gidduutti uumameen rakkoo namoomaa mudateen ta’uu The National gabaaseera.









