ONM-ABO Hagayya 21, 2024
Afaan qawweetiin uummata meesha maleeyyii cafaqee bulchuu kan barbaadu murni badii PP, umurii aangoo isaa dheereffachuu fi impaayera bututtuu Itiyoophiyaa suphuuf jecha, goleelee Oromiyaa mara keessaa, uummata nagaa dirqamaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuruu itti fufee jira.
Haaluma kanaan, Hagayya 18, 2024 waraanni sirnichaa, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu, Magaalaa Baroo ganda 01 fi ganda Illaamuu Xaraqoo jedhamu irraa abbootii warraa kudha shanii ol qabanii deeman.
Isaan keessaa kanneen ammaaf maqaan isaanii nu ga’e:
- Obbo Caalchisaa Barasaa
- Dassaalee Barbaadaa
- Abarraa Gurmeessaa
- Abdiisaa Gammachuu fi
- Badhaasaa Karaa jedhaman yoo ta’an, badii tokko malee qe’ee fi qabeenyaa akkasumas maatii isaanii irraa qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti geessuu maddeen keenya himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kanneen qaban yoo ta’an, kaadiroonnii fi waraanni maafiyaa PP ilmoo dhiiraa kan ta’e mara Bilxiginnaa akka tajaajiluuf dirqamaan gara waraanaatti guuraa jiraachuu ibsaniiru.

