• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuutti ergamtoonni murna gabroomfataa PP sochii doqdoqqee fi bajaajii dhorkan

Aug 24, 2024

ONM-ABO Hagayya 24, 2024

Ergamtoonni bilxiginnaa yeroo adda addaatti “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu” maqaa jedhuun ilmaan Oromoo irratti dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa kan oolan ta’uun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuutti waraanni garboomfataan PP  sochii doqdoqqee fi bajaajii dhorkuun himamee jira.

Sochiin doqdoqqee fi bajaajii “Waraana Bilisummaa Oromoo nutti fida” jechuun kaabinoonni aanaa Kiiramuu sodaa qaban irraa ka’uun akka ugguran dubbatu. 

Akka jiraattonni kunneen jedhanitti namoota  danuutu baajajii fi doqdoqqeen hawaasa  deddeebisuun galii achiirraa argatuun ofii fi maatii isaa jiraachisa jechuun, kaabinootni sodaa lubbuu isaaniif jecha namoota beelaan rukutaa jirus jedhaniiru. 

Akkasumas Aanichatti miidhaan gama qaamolee murna gabroomfataa PP fi finxaaleeyyii Amaaraan uummata Oromoo aanichaa irratti raawwatamu garmalee jabaatee itti fufee jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading