• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti loltoonni bilxiginnaa jiraattota reebuu fi hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Aug 24, 2024

ONM-ABO Hagayya 22, 2024

Loltoonni bilxiginnaa afaan dhadhaa dibachuun jechoota kuulanii uummata Oromoo gowwomsaa guyyaa guyyaan immoo faallaa isaa ta’uun dararaa hamaan kan uummata irratti bobba’an, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti jiraattota reebuu fi hidhaatti guuraa jiraachuun ibsameera.

Ganda Dhidheessaa jedhamutti  Hagayya 19, 2024 “deggertoota WBO’ti” jechuun namoota maqaan isaanii:

  1. Caalii Ayyalee,
  2. Kennasaa Ujuluu,
  3. Eebbisaa Gichillee fi kanneen biroo hedduu  badii tokko malee  reebicha ulfaataa ta’e irratti raawwachuu  jiraattonni gandichaa himan.

Aanichuma ganda Cooraa Kanaaboo jedhamu irraa immoo Hagayya 20, 2024 namoota 100 ta’an kan ammaaf maqaan isaanii adda hin baane ukkaamsuun qabanii mana hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen keenya ONM’tti himanii jiru.

Aanichatti murnoonni PP hawaasa irratti gochoota gara jabinaa adda addaa tilmaama hin qabnee fi ulfaatoo ta’an raawwachaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading