• Fri. Mar 13th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti murnoota bilxiginnaan hidhaa fi reebichi jiraattota irratti raawwatu jabaatee itti fufe

Aug 24, 2024

ONM-ABO Hagayya 23, 2024

Uummanni Oromoo murnoota dhufaa darbaan gidiraa hamtuu keessummeessaa kan as ga’e ta’ullee, safuu, duudhaa fi eenyummaa isaa eeggatee jiraachaa jira. Haa ta’u malee, bara murni bilxiginnaa maqaa Oromoo dha’achaa aangoo impaayerattii irra jirutti garuu Oromummaa qofti yakka ta’uun, ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irratti ajjeefamaa, hidhamaa, saamamaa fi qe’ee irraa buqqifamuun, rakkoon dhala namaa tokko irra ga’uuf hin malle guyyaa guyyaan uummaticha irratti raawwataa jira.

Akkaatuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa ganda Daba- Qallaa jedhamu keessatti Hagayya 21, 2024 milishoonni fi waraanni maafi’aa PP wal makuun gandichatti bobbaafaman namoota maqaan isaanii Abduu Umarii fi Umar Abduu jedhaman reebicha ulfaataa fuula maatii isaanii duratti irratti raawwachuun akka hidhan maddeen keenya nuuf eeraniiru.

Jiraattotni gandichaa  namoonni kun siyaasa kam keessaa qooda kan hin qabne ta’uu isaanii himuun, ergamtootni bilxiginnaa garuu sababa irra barbaaduun dhimma isaan hin galchine qawwee keessan maaliif quba qabeenya keenya malee gurgurtan? isin WBO waliin wal quba qabdu ittiin jechuun, meeshaa isaan qarshii ofiin bitatan akka waan bitanii itti kennaniitti gaafachuun, reebichaa fi hidhaas irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni dabaluun ONM’tti himaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading