ONM-ABO Hagayya 22, 2024
Lola golee Oromiyaa mara keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo impaayera bututtuu Itiyoophiyaa diiguuf taasisaa jiru jala dhaabbachuu kan dadhabe waraanni faashistii sirnichaa, amaluma mootummoota abbaa irree darban irraa dhaaleen uummata nagaa dirqamaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa jirra.
Haaluma kanaan, Hagayya 17, 2024 waraanni nama nyaataan PP, godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaalogii Walal ganda Laaloo Ko’ii keessaa abbootii warraa kudhan kanneen maqaan isaanii:
- Obbo Dabalaa Shogga’aa,
- Dabalaa Abbaabaa,
- Mokonnin Nikoolaa,
- Tuujubaa Kabaa fi
kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu dirqamsiisuun miliishaa taasisuuf gara magaalaa Tajjootti yoo geessu, godinichuma aanaa Sadan Canqaa ganda Dogaanoo Bururii jedhamu irraa ammoo namoota maqaan isaanii:
- Obbo Magarsaa Hordofaa
- Kadir Daggafaa
- Alamuu Taaddasaa
- Gammadaa Aannoo fi
- Ayyaanaa Dagguu dabalatee, abbootii warraa digdamii afur gara magaalaa Canqaatti geessuu jiraattonni naannichaa nuuf himaniiru.
Akka jiraattonni kun nuuf himanitti, “murni abbaa irree, akkuma abboota isaa kaleessaa irraa baretti, wayita lubbuun keessaa ba’uuf wixxifatu uummata nagaa gara dirree waraanaatti dirqamaan guuraa jira jechuun, yeroo ammaa kanas ilma dhiiraa taanaan dargaggeessaa fi jaarsa osoo hin jedhin adamsee dirqamaan waraana taasisaa jiraachuu himaniiru. Haa ta’u malee, uummata nagaa dirqamaan waraana taasisuun Dargiiyyuu aangoo irratti hin hambisne” jechuudhaan seenaa dabarsan yaadatanii kufaatiin Bilxiginnaa akka hin oolle ONM’tti himaniiru.


