ONM-ABO Hagayya 23, 2024
Abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Madda Albuuda guyyaa har’aa Hagayya 23 barii barraaqaan godina Gujii Bahaa aanaa Waadaraa fi aanaa Gooroo Doolaa gidduu kan jirtu mooraa diinaa Muxmuraa jedhamtu irratti tarkaanfii fudhachuun lukkeelee diina mooricha keessaa qulqulleessee guutumaan guutuutti ari’ee baasuun galaa fi rasaasota garaagaraa dhuunfateera.
Gama Meeshaalee Booji’ameetiin
Kilaashii AKM 10,
Rasaasa Bireenaa hanga 2000,
Rasaasa AKM hedduu fi
Galaa waraana PP kuntaala 5 oli irra booji’uun dantaa qabsoof galii taasisee jira.
Kana malees humna birmannaaf magaalaa Harqalloo irra deemtu bakka addaa Biiqqaa Fooraa fi Hincinnii jedhamtu gidduutti haxxee itti hidhuun dhukkee irra kaase meeshaalee adda addaa irraa booji’uun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasiseera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
