ONM-ABO Hagayya 25, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa magaalota Oromiyaa adda addaa irraa manneen diiguun, saamicha hamaa irratti raawwatanii diinagdeen ilmaan Oromoo dadhabsiisuu fi balleessuuf bobbaafaman guyyaa guyyaan dararaa hamaa raawwatan itti fufaniiru.
Haaluma kanaan, godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti lukkeelee PP’n saamichi hawaasa irratti raawwatamu cimee itti fufe.
Naannoo Yuunivarsiitii Jimmaa bakka Baarrii Beekoo jedhamu irratti Hagayya 22, 2024 galgala sa’atii 11:30’tti bakka uummanni itti uffata Foddee fi kopheewwan garaa garaa gurguratanitti qaamni ani mootummaadha ofiin jedhu humnaan qabee daldaltoota irraa saamuun garii immoo reebicha hamaa irratti geggeessuu jiraattonni magaalichaa himanii jiru.
Akka namoonni itti dhiyeenyaan beekan jedhanitti, namoonni bakkichatti meeshaalee gurguraa turan gariin saamamanii, gariin garmalee reebamuu fi gariin immoo, utuu baqatuu miidhama qaamaa ulfaataa fi salphaan miidhamuus dabaluun himaniiru.


