ONM-ABO Hagayya 25, 2024
Loltoonni PP lola WBO waliin geggeessan jala dhaabbachuu dadhabuun gara qe’ee hawaasaatti ol deebi’anii isintu hariiroo waliin qaba jechuun, hidhaa hanga ajjeechaatti irratti raawwachaa jiru.
Hagayya 24, 2024 aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo Aradaa Ilaalaa jedhamu irraa namoota jumlaan mana hidhaatii guuruun beekame.
Namoonni kunneenis maqaan isaanii:
- Turkaa Tunaa,
- Muktaar Roobalee,
- Maashoo Amaan,
- Moomee Badhaasoo,
- Saafiyaa Galatoo,
- Misiraa Manzaa,
- Gannoo Muktaar,
- Tamaam Muktaar fi
- Fooziyaa Abiittii kanneen jedhaman yoo ta’an, namoonni kunneen badii tokko malee maqaa ilaalcha WBO qabduutiin guuramanii mana hidhaatti dararamaa jiru.
Haaluma wal fakkaatuun aanaadhuma Martii magaalaa Aboomsaa keessatti Hagayya 24,2024 namoota magaalaa dhaqan WBO’tu isin erge jechuun uummata karaa irratti reebuun gabaa irraa deebisaa akka turanis beekamee jira.
Guyyuma sana nama tokko kan maqaan isaa adda hin baane hidhaa irraa baasuun ajjeesanii bakkeetti gatuus jiraattonni reeffa bakkee keessatti ijaan argan ONM’f himanii jiru.
