• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardaagaa Jaarteetti uummanni Oromoo finxaaleeyyii Amaaraan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’an beelaaf saaxilamuun ifoome

Aug 26, 2024

ONM-ABO Hagayya 25, 2024

Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waamanii fi ergamtootni bilxiginnaa waliin ta’uun siyaasa isaanii akka gaariitti dagaagfachuuf jecha ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkanneessoo gara jabina guddaan guuteen qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisuun beelaa fi roobaaf saaxilaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardaagaa Jaarteetti uummanni finxaaleeyyii Amaaraan buqqa’an beelaaf saaxilamuun ifoomeera.

Gandoota akka:

1. Jaanjimaar,

2. Haroo Daadhii,

3. Somboo Caffee,

4. Waatoo,

5. Laga Miiccaa,

6. Haroo Haboo,

7. Anfaarree Dargee,

8. Dargee Kootichaa,

9. Abdii Daandiif,

10. Ifaa Guddinaa fi

11. Qilxuu Ceekaa jedhaman irraa ilmaan Oromoo Baha Oromiyaa irraa dhufanii gandoota kanneen keessa jiraachaa jiran sababii hidhatoota finxaaleeyyii Amaaraan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’an, ganda Somboo Kumii jedhamu keessa qubatanii beela, dheebuu, rooba, dhukkubaa fi qorraan miidhamaa jiraachuu jiraattonni aanichaa addeessaniiru.

Ilmaan Oromoo godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee adda addaa keessa jiraatan  kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee fi qabeenya isaanii irraa finxaaleeyyii Amaaraa fi loltoota sirnichaan buqqa’uun kun gidiraa hedduu dhamdhamaa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading