Gidduu kana daballeen Bilxiginnaa namoota muraasa kakaasuun ummanni Kaaba Shaggar nagaa gaafate jechaa jirti. Gama biiraan immoo olola WBOn manneen barnoota gube jedhu oofaa jirti.
Ummanni keenyaafi waraanni isaa WBOn yoomiyyuu nagaa barbaaduun ifa. Waggoota lama dura yeroo Bilxigiinnaan “shororkeessaa waliin marii nagaa hin teenyu“ jechaa turtes, har´as, ejjennoon WBO sanuma. Balballi nagaa yeroon itti cufame hin turre.
Hogganni WBO nagaaf jecha wareegama lubbuu yoo barbaades sanaaf qophii ta´uun nannawaa qilleensaa Bilxiginnaan to´attu keessa qaxxaamuranii waltajjii nagaatti dhiyaachuun murannoo qaban argisiisaniiru. Marii Tanzaniyaatti taasifameenis gama WBOtiin murannoon guutuun akka ture taajjabdoota achi turan keessaa Ambasaaddarri United States ragaa bahaniiru. Bilxiginnaan garuu rakkoo siyaasaafi nageenyaa walxaxaa biyyattii furuuf karooraas ta´e qophii, mul´atas ta´e dandeettii akka hin qabne irraa deebiin ifa taasisee gale. Mandara Bilxiginnaa wallaalummaa gadi fagoo, waraana hiika hin qabne, du´aa fi gadadoo lammiilee qofaatu jira.
Kanaaf amma maal barbaacha afaan nagaatiin daldaluu jalqabani?
1. Dhara adii “nuyi nagaa barbaanna, WBOtu nu dide“jettu lafa qabsiifachuu barbaadu.
2. Saamtota maqaa ´Shanee´ jedhuun leenjisanii bobbaasan walitti qabanii galchuun, ´´WBOn gaaffiii ummataa dhagahee harka kennate“jechuuf qophiitti jiru.
3. Namoota muraasa kaadireen gadi yaafte hiriira ummataa fakkeessuun, hawaasa fagoof dhiwoo jiru afaanfaajjessuu fedhu.
Kanaa ol karooraafi hojii itti yaadame, gadi fagoo yookaan wal xaxaa Bilxiginnaa biraa hin eeginaa!
#Oromia #Ethiopia
