• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti waraana weerartuu PP’n dargaggoon tokko madaa’e

Aug 27, 2024

ONM-ABO Hagayya 26, 2024

Sirni hawaasa qulqulluu irratti hidhaa, saamicha, gubaatii fi ajjeechaa raawwachuun akka nagaa buusaa jirutti ilaallatu bilxiginnaan, golee Oromiyaa guutuu keessatti ilmaan Oromoo irratti gochoota hamaa raawwachaa jiru daran jabeessee jira.

Haaluma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Hulluuqqoo Hurutaa buufata Shannaffaa jedhamu keessatti Hagayya 24, 2024 nama maqaan isaa Abdii Ahimed Bariisoo jedhamu nama yakka tokkollee hin qabne deggaraa WBO’ti jechuun rasaasaan madeessuu jiraattonni dubbatan. 

Akka jiraattonni jedhanitti dargaggoo kana biqilaa keessa akka bineensaatti kaachisuun rasaasaan madeessanii biraa deemuu himuun, haalli fayyummaa isaas daran yaaddessaa ta’uu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading