• Thu. Mar 19th, 2026

Pirezidaantiin Masrii Gaazaan dhukaasa akka dhaabdu gaafachuun Libaanos keessattis adda waraana haaraan banamuu akka danda’u akeekkachiisan

Aug 27, 2024

ONM-ABO Hagayya 26, 2024

Prezidaantiin Masrii Abdel Fattah al-Sisiin Dilbata kaleessaa Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuuf tattaaffii gidduu seenummaa idil-addunyaa irratti akka bobba’an gaafachuun balaa adda waraanaa haaraa Libaanos keessatti banamuu akeekkachiisan.

Waamichi kun kan dhiyaate Dilbata kaleessaa Kaayirootti al-Siisii fi Dura taa’aa hoggantoota waraanaa waloo Ameerikaa Jeneraal Chaarlis Biraawuun gidduutti walga’ii taasifame irratti.

Walgahiin kun kan raawwatame Masriin marii dhukaasa dhaabuu fi hidhamtoota gadhiisuu marsaa haaraa Israa’elii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamu keessummeessuuf yeroo jirtutti.

Sisiin “waldhibdee salphisuu akkasumas nageenyaa fi tasgabbii guutuu naannichaa balaadhaaf saaxilu dhaabuuf” tarkaanfii murteessaan idil-addunyaa hatattamaan barbaachisuu isaa jala sararaniiru.

“Balaa Libaanos keessatti bifa haaraan  mudachuu danda’u” akeekkachiisuun barbaachisummaa “tasgabbii fi abbaa biyyummaa Libaanos eeguu” cimsanii dubbataniiru.

Hogganaan Masrii kun tattaaffii waloo Masrii, Kaatar fi US Gaazaa keessatti dhukaasa hatattamaa akka dhaabbatu gochuu fi hidhamtoota jijjiiruuf haala mijeessuuf tattaaffii taasisaa jiran deeggaruun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Haala namoomaa hamaa Gaazaa keessatti mul’atu akeekuun, tasgabbii naannoo yeroo dheeraa tajaajiluuf gargaaru akka qaama furmaata biyyoota lamaa ta’etti mootummaa Falasxiin hojiirra ooluu danda’u hundeessuuf adeemsi siyaasaa bal’aan barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru jechuun Associated Press gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading