ONM-ABO Hagayya 28, 2024
Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa loltoonni impaayerattii dargaggoota irratti xiyyeeffachuun reebicha, hidhaa, ajjeechaa fi mooraa leenjiitti guuruu kan hammeessan hoggaa ta’u, loltoonni sirnichaa kun hojii isaanii ittuma fufuun godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuutti dargaggoota irratti reebicha hamaa raawwachuun ifoomeera.
Torban darbe keessa, aanaa Daarimuu ganda Meexxii Guddaa jedhamu irraa dargaggootni maqaan isaanii:
- Tsaggaa Abarraa,
- Galataa Abarraa,
- Obsaa Abarraa fi
- Jamaal Shifaa jedhaman
loltoota sirnichaan butamuun buufata loltoonni impaayerattii qubatanii jiran Laga Meexxiitti geeffamuun guyyaa 4 bokkaa keessa bulanii reebichi suukkaneessaan irratti raawwatamuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Namoonni kun itti dabaluun akka eeranitti, “dargaggootni kun kana durallee deggertoota WBO’ti” jedhamuun mana hiraarsaatti garmalee dararamaa turuu fi isaan keessaa dargaggoonni 3 obboleeyyan yoo ta’an 1 immoo ollaa isaanii ta’uu dubbatu.
Dargaggoonni kun yeroo ammaa kana du’aa fi jireenya gidduu kan jiran yoo ta’an, uummata gandicha keessa jiraatu kan dabarsee kennaa jiru basaasaa PP kan ta’e nama maqaan isaa Fiqaaduu Tarrafee jedhamu ta’uus itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



