• Mon. Jan 5th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti loltoota sirnichaan shamarreen tokko ajjeefamuun qarreewwan sagalis hidhaman

Aug 29, 2024

ONM-ABO Hagayya 29, 2024

Murni afaan qawweetiin impaayerattii goolaa jiru bilxiginnaan ilmaan Oromootti gocha isaan hin qabne itti maxxansuun miidhaalee adda addaa irratti raawwachaa oola.

Haaluma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Boolee bakka buufata saddaffaa jedhamuun beekamutti waraanni Bilxiginnaa seera hin beekne Hagayya 26, 2024 shamarree maqaan ishee Sabboontuu Kaliil jedhamtu gochaa ishee malee WBO waliin hidhata qabda maqaa jedhuun haala suukkanneessaan ajjeesuu jiraattonni himan.

Shamarree kana uleedhaan reebicha daangaa darbe irratti gaggeessuun erga laaffisanii booda rasaasaan tumanii ajjeesuun harma ishee  irraa muranii gatanii deeman. Halkan tokko booda Hagayya 27, 2024 maatiin reeffaa bakkee keessaa argatanii awwaalachuu jiraattotni himaniiru.

Kana malees qarreewwan lakkoofsaan gara nama sagalii ta’an ammoo reebicha ulfaataa irratti raawwachuun, mana hidhaatti darbatanii jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Qarreewwan murni faashistii PP hidhee  dararaa jiru keessaa kan maqaa arganne:

  1. Dureettii Sheek Abdallaa,
  2. Hammuu Hasanoo,
  3. Dammaa Kadiir,
  4. Makkiyyaa Majiidoo,
  5. Dassaa Majiidoo,
  6. ZAMZAM Majiidoo,
  7. Bilqiisaa Tujjaa,
  8. Bulloo Sulxaan, fi
  9. Lalisee Abbichuu kanneen jedhaman ta’uu maddeen keenya dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading