• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Harargee aanaa Gumbii Bordoddeetti, ergamtoonni bilxiginnaa jiraattota irratti gibira humnaan olii muran

Aug 29, 2024

ONM-ABO Hagayya 28, 2024

Godinaalee Oromiyaa cufa keessatti ergamtoonni bilxiginnaa dinagdeen impaayerattii kufuu hoggaa baran, ajaja qaama isaanii olii guutuu fi gammachiisuuf jecha ilmaan Oromoo garmalee dararuu itti fufuun, godina Lixa Harargee aanaa Gumbii Bordoddeetti gibira humnaa olii uummatatti dabaluun beekame.

Manneen bunaa fi shaayee dabalatee daldaltoota sadarkaa gadaanoo hanga olaanootti kan duraan kaffalan dachaa afurii oliin itti dabalamee jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen jedhanitti, sababa gibirri garmalee dabaleef kaffaluu dadhabuun manneen daldalaa hedduun cufamuu fi kanneen naannootti argatan immoo humnaan dirqamsiisuun kaffalchiisaa jiraachuu ibsan.

Gibirri humnaan olii uummata Oromoo irratti garmalee dabaluun ilmaan Oromoo Kutaalee Oromiyaa cufa keessa jiraatan rakkoo hamaa keessa seenuu fi miidhaa isaan irra ga’aa jiru kana baqachuun magaalota Oromiyaa biroo keessatti rakkoo jireenyaaf saaxilamaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading