• Fri. Mar 13th, 2026

WBO’n Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo Keessatti Diina Du’aa fi Madoon Adabe 

Aug 29, 2024

ONM-ABO Hagayya 29, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan kaleessa Hagayya 28, 2024 ganama sa’a 4:30-5:40 jajjabeen Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti diina du’aa fi madoon adabeera.

Waraana faashistii PP magaalaa Dambii Doolloo irraa gara bulchiinsa magaalaa Dorgommee ganda Alakuu Aabboo qaxxaamuruun deemaa turte karaatti itti deemuun qarqara magaalaa Dorgommeetti tarkaanfii jabaa irratti fudhateen 25 ajjeesee 19 madeessuun loltoota Bilxiginnaa 5 harkaan qabee kan hafte hanga Alakuu Aabbootti ari’ee jira.

Gama meeshaatiinis Bireenii 1, qawwee AKM 15, boombii 8, hidhannoo 4 fi qophii waraanaa irraa booji’uun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading