ONM-ABO Hagayya 30, 2024
Loltoonni Impaayerattii goleewwan Oromiyaa gandoota baadiyyaa fi magaalaa cufatti bobba’uun hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasa kamii hin qabne badii tokko malee yakkuun hidhaatti guuruu jabeessanii jiru.
Bifuma kanaan, Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti hawaasa nagaa hidhuun hammaachuun uummatni yaaddoo keessa jira.
Aanaa Saasiggaa ganda Haroo Folaa jedhamu irraa Hagayya 28, 2024 dargaggoota maqaan isaanii:
- Caalaa Birhaanuu fi
- Iyyaasuu Addunyaa jedhaman “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu” jechuun waraanni sirnichaa gandicha keessa naanna’ee uummata goolaa oolu, bakka hojii isaaniitii ukkaamsuun mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Tsigeetti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti, dargaggoonni kun daandii gubbaatti jimaa daldaluun kan jiraatanii fi siyaasa kam keessaa qooda kan hin qabne ta’uu itti dabaluun dubbataniiru.
