• Tue. Jan 13th, 2026

Haleellaa Israa’el daangaa Siiriyaa fi Libaanos irratti raawwatteen loltoota afur ajjeesuu maddeen nageenyaa himan

Aug 30, 2024

ONM-ABO Hagayya 29, 2024 

Haleellaa diroonii Israa’el roobii kaleessaa buufata konkolaataa sakatta’iinsa Siiriyaa naannoo daangaa Libaanositti qaxxaamuru irratti raawwateen loltoota Falasxiin sadii fi miseensa garee hidhattoota Libaanos Hizbullah tokko ajjeesuu maddeen nageenyaa lama Rooyitarsiif himan.

Konkolaataan kun meeshaa waraanaa geejjibaa akka hin turre maddeen kunneen himaniiru. 

Hizbullaa irraas ta’e sochii Jihaada Islaamaa Falasxiin irraa yaadni hatattamaa kenname kan hin jirre yoo ta’u, maddeen keessaa tokko loltoonni  sadan kan Faalasxiin  ta’uu ibseera.

Qondaalli biyya keessaa Siiriyaa Abdoo Al-Taqii buufata raadiyoo Siiriyaa tokkotti akka himanitti, roobii ganama daandii magaalaa guddoo Siiriyaa Damaasqoo fi magaalaa guddoo Libaanos Beerut gidduu jiru irratti konkolaataa tokko irratti haleellaa xiyyeeffateen namoonni afur ajjeefamaniiru.

Hizbullaahl, Jihaad Islaamaa fi gareewwan hidhatan biroo kibba Libaanos irraa Rookeetiiwwanii fi diroonii Israa’el irratti furguggisaniiru. 

Gareen kunneen Iraanii fi mootummaa Siiriyaa waliin hidhata cimaa kan qaban yoo ta’u, daangaa Siiriyaa fi Libaanos qabdu irraan loltootaa fi meeshaalee waraanaa geejjibaniiru.

Israa’el taatee kana ilaalchisee yaada hin kennine. 

Haleellaa Libaanos irratti raawwatuuf itti gaafatamummaa kan fudhattu yoo ta’u, haleellaa Siiriyaa keessatti raawwatte jedhamtee himatameef garuu waakkatteetti jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading