ONM-ABO Hagayya 29, 2024
Kutaalee Oromiyaa cufa irraa ilmaan Oromoo sobaan yakkuun adamsanii ukkaamsuun hidhanii waggoota hedduuf garmalee dararaa kan jiru murni Bilxiginnaa, rakkoon kun Oromiyaa kutaalee hedduu keessatti jabaatee jira.
Haaluma kanaan, Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamiseetti namoonni hedduun badii tokko malee waggaa 3 oliif dararamaa jiraachuun ibsameera.
Namoonni 38 ol ta’an waggaa 3 guutuu osooma beellamaan deddeebi’anii hanga ammaatti murtii tokko osoo hin argatin kanneen mana hidhaa magaalaa Kamiseetti dararamaa jiran ta’uu maddeen keenya eeran.
Hidhamtoonni kun sobaan yakkamuun qabamanii waggoota kana hunda dararaa ulfaataa argaa jiraachuu irraa kan ka’e haalli qabiinsa seeraa isaanii illee kan hin tolle ta’uun, “rakkoo hammaataa argaa waan jiraniif uummanni Oromoo sagalee akka isaaniif ta’u ” namoota isaan dubbisuu dhaqanitti dhaammachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
