ONM-ABO Hagayya 31, 2024
Sirni Bilxiginnaa maqaa nageenya jiraattotaa tiksina jedhuun nageenya hawaasaa booressaa kan oolu yoo ta’u, hawaasa homaa siyaasa kam irraa walaba ta’uun jiraatan maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabduun gara jabummaa isaaniin rasaasa itti roobsanii jiraattota ajjeesuu jabeessaniiru.
Haaluma kanaan Hagayya 29, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Faaxee Leedii jedhamuu jiraattota shan waraanni gara jabeeyyiin Bilxiginnaa qe’ee isaanii irraa qabuun mooraa waraanaa Corree jedhamutti geessuun dararaa irratti geggeessaa turuun, booda aduu-dhiha sa’a 12:00 irratti bakka addaa Leedii jedhamutti rasaasa itti roobsuun namoota afur yoo ajjeesan tokko ammoo madeessanii mooraa isaanitti deebisuun ifoomeera.
Namoonni ajjeefaman kunneen maqaan isaanii: Umar Kadiir, Abdallaa Asaboot Godaanaa, Abdii Sayiid fi Shidee Karaabaa kanneen jedhaman yoo ta’an, erga ajjeesanii booda reeffa isaanii mukatti akka fannisan jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Kana malees, waraanni bilxiginnaa kunneen namoota ajjeefaman kanneen osoo hin ajjeesin dura mooraa sirnichaatti erga galchanii dararaa turanii booda mana baankiitti geessuun qarshii isaan mana baankiitii qabanii fi kan maatii isaanii kan baay’inni isaa kuma dhibba jahaa ol ta’e osoo hin ajjeesin dura baafachuu namootni itti dhiyeenyaan beekan ONM’tti himaniiru.

