• Sat. Sep 26th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti saamichi horii fi maallaqaa waraana garboomfataa PP’n hammaate 

Aug 31, 2024

ONM-ABO Hagayya 31, 2024

Uummanni Oromoo daangaa fi qabeenya isaa keessatti weerartoota Bilxiginnaan mirga  jiraachuu mulqamuun ajjeefamuu, hidhamuu fi saamamuun hireen isaa badiisa ta’uun qe’een uummatichaa waraana nama nyaataa kanaan gaddaa fi gadadoo uffatee jira.

Jiraattonni godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa irra deddeebiin saamichi qabeenyaa isaanii irratti adeemsifamaa jiraachuu kan himatan yoo ta’u, Hagayya 30, 2024 ganda Coqorsaatti  lukkeeleen bilxiginnaa wal qindeessuun ajaja nama maqaan isaa Ahimad Jawaar jedhamuun horii hawaasaa baay’inni isaa 10 ta’e jalaa ooffachuun akka deeman jiraattonni ONM’tti himaniiru. 

Kana malees dirqamaan qarshiin 1,200 tokko tokkoon jiraattotaa irraa maqaa deggersa waraanaa fi uffannaa milishootaan funaanamaa akka jirus dabaluun ibsaniiru. 

Dabalataanis ona Cawwaaqaatti hawaasni jumlaan hidhamee maallaqa guddaa gaaafatamaa jiraachuun kan dubbatamu yoo ta’u, namoonni qarshii gaafataman kaffaluu dadhaban baatii hedduuf manneen hidhaa keessatti hiraarfamaa jiraachuun beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading