ONM-ABO Hagayya 30, 2024
Caasaaleen murna gabroomfataa PP, gubbaa hanga gadiitti waltumsuun yeroo adda addaatti Waraana Bilisummaa Oromoo irratti holola kan oofaa oolan ta’uun ni beekama.
Haaluma kanaan, magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti Kaabinoonni PP Waraana Bilisummaa Oromoo irratti holola geggeessuu cimsanii itti fufanii jiru.
Ergamtoonni bilxiginnaa, loltoota isaanii bobbaasanii Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuun amma immoo waan nu fayyada jedhan karoorsanii uummanni Oromoo waraana isaa kan ta’e Waraana Bilisummaa Oromoo akka jibbuuf dhamaatii isaan guyyaa guyyaan godhan “WBO’n qoqqoodameera; waraana abdachiisu miti” jechuun magaalaa Laga Xaafoo-Laga Daadhii keessa naanna’anii jibbinsa Waraana Bilisummaa Oromoof qaban ifatti mul’isaa fi hawaasni akka abdii kutatu taasisuuf warraaqaa jiraachuu isaanii jiraattonni magaalichaa himanii jiru.
Ilmaan Oromoo gidduutti godaannisa dhalchuu fi Oromoon akka hin tokkoomne kan fedhan fardeen alagaa dantaa fi bolola aangoo irra turuuf qabaniif hojii farra sabboonummaa Oromoo hojjechaa jiraachuun ni beekama.


